Dark Web jechuun maal jechudha? | What is Dark Web?

Deep Web (Dark Web) kun kutaa intarneetii isa dhokataa (hide) yommuu ta’u, namni kamiyyuu salphaatti Google, Yahoo, Bing irratti akkuma content kaan search godhee fayyadamuu yookaan argachuu hin danda’u.

Yeroo ammaa kana intarneetii nuti fayyadamaa jirru kun surface web jedhama. Diippii Weebiin immoo Domain ofii isaa kanneen akka (.net, .com, .org, .edu, .et, …) ta’e, kan mataa isaa danda’e ni qaba. Innis immoo “ .onion ” jedhama.

Liinkii yookiin hidhaa isaa dura ykn jalqabarra akka marsariitii kaanii ‘https’ jedha osoo hin taane ‘http’ jedhee jalqaba. Sababni isaas, qubeen dhuma irraa (s) kan agarsiisu marsariitii (website) ‘secured’ ta’an yookiin nageenyummaan isaanii kan eegaman waan ta’eef, inni immoo ‘secured’ kan ta’e, waan hin taaneef ‘s’ kana hin fayyadamu. Domain onion kun, kana dura ‘surface web’ irratti argitanii hin beektanii? onion mataan isaayyuu kan ‘internet DNS root’ miti. Kana jechuun immoo kanneen domain kanneen akka .com, .net, .edu, .org fi kanneen biroo wajjin salphaatti hin lakkaa’amu.

Deep Web (Dark Web) irra wantonni haaraa ta’an maaltu jira?

Diippi weebii ykn daarkii weebii irra wantoota nama ajaa’ibanii fi dhageessanii hin beeknetu marsariitii kana irratti raawwatama. Gochoota badii xixiqqoo irraa hamma gurguddaatu as keessatti gaggeeffama.

Fakkeenyaaf:

  • Meeshaaleen waraanaa as irratti nii gurguramu,
  • Qorichoonni sammuu namaa hadoochan, keemikaalonni fi kanneen kana fakkaatan irratti ni gurguramu,
  • Digirii sobaa, Dipiloomaa sobaa irratti ni hojjetamu,
  • Passport sobaa,
  • Eeyyama konkolaachisummaa (driving License) sobaa irratti ni hojjetamu akkasuma ni gurguramu,
  • Qaamni namaas irratti ni gurgurama, Fakkeenyaaf: Kalee, …
  • Qorannoowwanii (research’s) fi barreefamootni eebbaa irratti ni dalagamu,
  • Sooftiiweerotaa fi Appilikeeshinoonni ciccimoo ta’an hedduun ni gurguramu,
  • Gurgurtaawwan credit card (Visa card, MasterCard) fi kanneen biroo ni gaggeeffamu,
  • Sooftiweeronni seeraan ala ta’anillee ni gurguramu,
  • Fiilmota hatamanii bahan ni argattu,
  • Hakeerootaaf Kaffaltii kaffaltaniifii (Qarshiin walii galuudhaan waan barbaaddan tokko akka isiniif cabsan gochuu dandeessu),
  • Jecha darbii (password/passcode) dhaabbata gara garaa ni argattu!
  • Meeshaalee Kontirobaandii yookiin seeraan ala gurguraman (elektirooniksii, uffata, kopheewwan gatii baay’ee gadi bu’aa ta’eenii fi rakasa ta’an nii argattu)
  • Barnoota hackers nama taasisan ciccimoo ni barattu.

Hubaachiisa: Beekumsa walii galaatiif, akka beekuu qabdaniif isinitti himaa jirra malee Dark web yookaan Deep web dhaqaa hordofaa isiniin jechaa hin jirru!

Wanti nama dhibummoo, fayyadamtoonnii fi hordoftoonni Daark Weebii diippi weebii dhibbantaan 75 (75%) kanneen ta’an Hakerootadha! Laaptooppii (computer) keessan kan hojii itti hojjettaniin gara marsaa sanaa imaluun gonkumaa isin irra hin jiru. Yeroo hedduu namoonni waan kana keessatti hirmaatan Laptop (computer) hojii dhaabee fi kana booddee itti hin fayyadamnu jennee yaadnuun achi deemuu qabna.

Wantoota armaan olitti ilaalle kana hunda, bituufis yoo ta’e yookiin gurguruuf ‘Bitcoin’ fayyadamu! Sababni isaas, marsaa sana keessatti bittaa fi gurgurtaan yeroo raawwatu karaa baankiidhaan yoo ta’e, carraan qabamanii seeratti dhi’eeffamuu isaanii bal’aa waan ta’eefidha. Karaa ‘Bitcoin’ yoo bitan garuu, gonkumaayyuu hin qabaman, Eenyummaan isaaniis hin beekamani. Maalummaa Bitcoin bal’inaan gara fuula duraatti sirriitti cryptocurrency waliin wal qabsiifnee isiniif ni maxxansina.

Of Eeggannoo akkamii gochuu qabna?

Erga waa’ee Dark Web (Deep Web) hamma kana ilaallee booda fayyadama isaaf immoo of eeggannoo taasifamuu qabu waliin ni ilaalla.
Waan hunda dura wanti hubachuu qabdan Marsaa Daark Weebii kana namoonni akka itti faayyadamaniif hin gorfamu. Garuu namoonni yaalii garaa garaa taasisuu jaallatan gara marsaa sanaa imalanii dhugaa fi soba achi keessa jiru adda baafachuun beekuu ni barbaadu. Kanaafuu garas osoo hin deemiin wantooota asii gadiitti eeraman kana sirriitti hubachuun immoo isaan irra nii jira.

Isaanis kanneen gadii kanadha:

  • Liinkii Daark Weebii (deep web) yoo argattan malee gonkumaayyuu gara marsaa Daark Weebiitti galuu hin dandeessan,
  • Moosaajiiwwan (Applications) ykn Sooftiweerota ‘Antivirus’ ta’an device itti fayyadamuuf jennu irraa ‘uninstall’ gochuu nama barbaachisa (miidhaa gama kanaan dhufuuf jiru hunda itti gaafatamummaa isaa isinuma mataa keessantu fudhata),
  • Liinkota Daark Weebii tasumaa Google irratti hin faayyadamamu. Sababni isaas, Google’n ‘location tracking’ mataasaa danda’e qaba!Wanti Kunis, namtichi fayyadamu sun eessa akka taa’ee fayyadamaa jiru sirriitti ni beekama jechuudha. kanaafuu gonkumayyuu maqaa keessan isa sirrii fi suura keessan isa sirriitiin marsaa kana hin faayyadaminaa.
  • Marsaa Daark Weebii yeroo jalqaba bannu (Signup) sarvaroota ergaa (Email servers) beekamtii kan qaban, kan akka Gmail, Yahoo, Hotmail, fi kanneen birootti fayyadamuu hin qabdan. Isaan malee ‘Torbox’ (protonmail) itti fayyadamaa.
  • Daark Weebii ykm diippi weebii irraa wantoota buustan callistanii waan argitaniif hin baniinaa. ( fakkeenyaaf: PC keessaniin buustan yoo ta’e, Sandbox yookaan Virtual machine fayyadamuun banaa),
  • Daark Weebii irraa faayiloota kanneen akka PDF, TXT, … hin buusiinaa sababni isaa keessa isaaniitii ‘Hacking script’ waan qabaachuu danda’uufidha.
  • Hackeroota yookiin namoota Daark Weebii fayyadaman waliin gonkumaa hin haasa’iinaa. Dirqama barbaachisaa ta’ee yoo haasoftan immoo, dogoggortanii waa’ee keessanii (personal information) keessan waan wal qabatu akka itti hin haasofne.
  • Daark Weebii irra marsariitiiwwan sobaa fi hannaa hedduun guutanii jiruu waan ta’ee waan kana hubadhaa.

Hubachiisa: Marsaa Daark Weebii irra Hackeroonni dhaabbata FBI fi Mossad ni jiru. Kan mootummaadhaaf hojjetan jechuudha.

Wanti kun sin dhibin yeroo tokko ijoolleen Hindii achi keessatti hirmaatan qabamaniiru. Sababni isaas; Hakeeroota FBI waliin eenyummaa isaanii, biyya kam akka jiraatan, maal akka hojjetanii fi wantoota kana fakkaatan biroo kan eenyummaa isaanii ibsu haasa’aa waan turaniif qabaman. Wantoota kana olii hundatti osoo iddoo itti hin laatiin yookaan immoo waanuma faayidaa hin qabaanne seetanii callistaniima yoo itti fayyadamtan kan dhufee isin qabee seeratti isin dhi’eessu Teelee (Ethiotelecom) osoo hin taane, FBI tu isin qabee seeratti isin dhi’eessa jechuudha.

Hubaachiisa: walumaa galatti beekumsa walii galaatiif barnoota waa’ee kanaa isiniif himaan jira malee gara marsaa Daark weebii yookaan Diippi weebii dhaqaa fayyadamaa jechaa hin jiru.

Egaa maxxansa dubbisaa jirtan kana irraa akka waa hubattanii fi barattan abdii guddaan qaba. Akkasuma barnoota kanneen biroo marsariitii keenya kanarraa dubbisuu ni dandeessu Galatoomaa.

Yaada fi gaffii qabdaan hunduma “comment section” jalattii nuuf baressuu hin dagatinaa.

https://ethiogoogle.com

4 thoughts on “Dark Web jechuun maal jechudha? | What is Dark Web?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *